Saturday, July 12, 2025

Arsiin ilma Ambattoo Dayyooti

ARSII
Arsiin ilma Ambattoo Dayyooti. Gosa Oromoo baldhinna lafa qubateefi baay'inna ummataatin guddaa ta'eedha. Lafti Arsii—Kaabaan laga Awash irraa kaa’ee hanga Hara Habaasii Kibbaan fulla’a. Lixaan Laga Bilaatee ka’ee Gannalee fi Daawwatti dhaabata. Godinoota amma Arsii, Arsii Lixaa, Baale, Baalee Bahaa guututti kan dhuunfatu yoo ta’u; Godinoota Shawaa Bahaa, Boorana Bahaa, Harargee Lixaaa ammoo cinaa tokko ykn muraasa ni qabata.
Arsiin ilmaan lama qaba: Mandoo fi Siikko.

Siikko ilmaan shan qaba (Shanan Sikkoo—Sikkiisa):
I. Bullaala
II. Jaawwii
III. Ilaani
IV. Wocaalee
V. Waaji

Mando ilmaam torba qaba (Torban Mandoo—Mandooyyuu):
I. Raayyaa
II. Kajawa
III. Utaa
IV. Waayyu
V. Waanama
VI. Harrojji (Biltuu)
VII. Hawaxxuu

Arsiin laga Waabee gamaafi gamana jira. Lafti waabee gamaa Baale yoo jedhamtu ta gamanaa Diida'aa jedhaniin. Gosti Arsii Waabee gama jirtu gamanas ni jirti. 
Arsiin lafa isaa yeroo hedduu:
* Baale
* Gadab
* Albasoo
* Diida'aa
* Laangannoo fi
* Dambal
jedhee maqaa jahan kanaan adda qoodee waama. Haa ta'u malee Caancoo, Booruu, Waayyuu, Duuroo, Harannaa, Laajjo, Fasasa, jedhanii lafa babaldha jahan armaan olii keessatti kan waamamanis ni jiru.

Fakkeenyaaf: Itayyaa fi Dheeraan lafaa Arsii ta Albasoo jedhaniini. 
-
Magaalonniifi aanaaleen akka: Asallaa, Adaabbaa, Sinaanaa, Boqojjii, Itayya, Loodee, Heexosaa, Diigaluu, Xiijoo, Amiinya, Abboomsa, Agaarfaa, Eegoo, Haburaa, Heebanoo, Ogolcho, Kuyyara, Leemmuu, Bilbilo, Raayituu, Biltuu, Saddiqa, Silxaanaa, Suudee, Wondoo, Shiree fi kkf hundi isaanii maqaa gosa Arsii kan naannoo sanatti argamaniiti.

Arsiin ummata woliin jireenya dinqisiisaa qabu. Ummata aadaa baldhoofi cululuqxuu qabu. Ka tuqan malee nama hin geenne. Ka haqaafi dhugaa isaa irratti du'u. “Arsii tuttuqaa didduu, Arsii tuttuqan hiddu” jedhee ibsa waan kana walaleessaan gameessi Amaan Nyafaroo.

Arsiin deegu ka wolii hirphu. Beelayu ka midhaan wolii fe'u. Ka xiqqaa guddaa kabaju. Maatii irra taree kan firaafi gosaa hadoodu. Woyyomaafi Siinqee sodaatu. Ka keessummaa mana isaa bulte horii qaleefi miila dhiqee bulchu. 

Seenaa gita-bittaa biyya kanaa keessatti kan Minilkii qawwee Awuurophaa fi Raashiyaa hidhate cichee woggoota torbaaf afoo dhaabbatee qolate—Arsi’ii. San boodas itti duulamus ni ripha malee, gaafuma ka’e waan dhabe deebifataa as gahe!
Ambatoo Dooyyoo
Utaa Waayyuu
Arsee Ambee
 Sikkoo Mandoo
++++++++++++++
 #...Funyamura
Maadada
Sayimannaa
Kanshee
Hawwaxxuu
Jawaara
Sheedama
Allujaana
Weerara
Doomaga
Asallaa
Faajjii
Daawwee
Gamboo
Faarachuu
Bulchaana
Waaji
 Alkasoo
Sheebbaa
Giliinshaa
Baamuda
Madarchoo
Adaabbaa
Ayimara
Heebano

.....laakkayamee hin dhumu.
Arsiin Yaa'a/Jila qaba !
Jilli Mandoo ( Mandooyyuu),Baalerraa imalee ShaaShee gaheera.
Walgeettiin Dhaddacha Guutaatti.
Gosoota Arsi‼️
==================
Aabennaa 
Abbakara 
Abaar-gada
Abbayyii
Abaay-mannaa
Abbiyyuu
Abboo-ali
Abcheechee
Abburee
Abdooyyee
Abboosa
Aboosara
Aboojota
Aboonii
Aboonyee
Abroonyee
Absiilaa
Adaamii
Adamoonyee
Adamtuu
Adaree
Adarshoo
Adulaala
Agaarfaa
Aguutaa
Ajaamoo
Ajjuuran
Akkiyyaa
Allaa
Alii
Alkasoo
Allujaana
Amaa-lama
Amaalagoo
Ambeentuu
Amiinyaa
Amiidosha
Amoonyee
Amuumaa
Anasa
Angeedda
Argamooyee
Ari’a
Arroojjii
Asallaa/Hasallaa
Asaltuu
Asalaxxuu
Asgala
Askaala
Ashamii
Asharaafa
Ashmiiraa
Ashuutee
Ataabaa
Atucha
Awaandallaa
Awacheeche
Awuljana
Aymaroo
Ayyuuba
---
Baabboo
Baadagosa
Baadaboo
Baadosa
Baallee
Baalle-Tamboo
Baamuda
Badii
Balee
Basimannaa
Baammannaa
Baallakasa
Barii/Baarii
Barbachoo
Beebee
Beegoo
Beer anuu
Biddiiqa
Bidiroosa
Biltuu
Biilaa
Bilduu
Bilbiloo
Birbiraa
Biyyaalee
Bochoroosa
Boqqojjii
Boorana
Bulgaduma
Buraara
Buubuu
----
Calqoo
Camaca
Caatimannaa
Caatoo
Cawwaa
Ciimoo
Coofira
----
Daddina
Daagulee
Daagooyyee
Daallee
Damina
Daayidaa
Danbii
Dange
Daawwee
Daraaraa 
Daqeena
Daroo
Dawadiina
Deendaa
Diigaluu
Doodaa
Dodola
Doggomaa
Doomaga
Doonchoo
---
Dhaaye
---
Edamana
Eegoo
Eekkaa
Eessawwaa
Eljoo
---
Faarachuu
Faraca
Farsaana
Farrajjee
Feejjaa 
Finxoo
Funyamura
Futtallee
----
Gaadoo
Gandaanshoo
Gaadullaa
Gaadulloota
Gaalama
Gaalamtuu
Gaatura
Galchoo
Garoraa
Gamboo
Gaddoo
Gannata
Garaadee
Garisoo
Garjeeda
Gasala
Geetara
Gimboota
Giraamaa
Goodola
Goofingira
Godaymannaa
Gomoora
Goonosa
Golanuura
Gotoo
Gur-daama
Gurraa
---
Haballosa
Habarnoosa
Habeebee
Habula 
Habuubaa
Haburaa/Aburaa
Hachana
Hadaabbaa/Adaabbaa
Haddaa
Hadaagaa
Halangoo
Halchaana
Hang isii
Hamiishada
Hanbeentuu
Hanqaroosa
Hanqa-diina
Hanxoo
Harboo
Harawa
Hasana
Hasansaba
Hawaxxuu
Hawwaree
Hawwiyyaa
Haximannaa
Heebanoo
Heellaa
Heeraro
Heexamoosa
Heexosa
Heeydara
Hinseemana
Hoboltoo
Holbatanna
Hooransoo
Huduga
Hunxee 
Huphannoosa
Hurfee
Hurxuuba
---
Ibsaana
Ilaa
Ilaannii
Ilbaccaa
Iluu
Isleeymana
Itayya
---
Jaafara
Jawaara
Jaawwi
Jidda
Jiliinshaa 
---
Kabiiroo
Kacharaa
Kanshee
Kanshituu
Karrayyuu 
Keetaa
Kojii
Kolooba 
Konee
Korbeeyyii
Korminee
Kube
Kullishaa
Kulchee
Kubbaayyee
Kuyyara
---
Laaqii
Laajjemannaa
Laxamannaa
Leemmu
Leemmossa
Liimoo
Liyyee
Loodee
Logosa
Lolee
---
Maadada
Makkoo
Maamma-nuura
Manaakaba
Maankula
Maaydoo
Maazaza
Maccaana
Maccituu
Madarshoo
Maleekkoo
Marfoo
Maroo
Masara
Masaranjee
Mesheeraa
Mazara
Meettaa
Meexama 
Misheeraa 
Moddollee
Mora
---
Nagoo
Niitee
Niyyaara
Noonnoo
Nugee
---
Obaaymanna
Oborraa
Odoo-dara
Ogolchoo
Ogoddaa
Oliyyee
Oldolmannaa
Oydomannaa
Olbatannaa
---
Qaancaqooca
Qaafituu
Qaasoo
Qalboo
Qallallee
Qirbinyee
Qooggoo
Qoomaa
Qoorabdoo
---
Raasandaaara
Raasoo
Raayyaa
Raaytuu 
---
Saamana
Saamoo
Saasamanyee
Sabiroo
Sabitoo
Sabuna
Saddiiqa
Saddiiqoo
Saddoo
Sa’immannaa
Salmoolee
Sangoo
Shankoora
Sarbaayyee
Sarboo
Sibee
Seemannaa
Sikkisaa
Silxaana
Sinaana
Singiga
Siraaja
Soobbaa
Soolee
Suraara
Suudee
Shaakko
Shaalimannaa
Shafilaa
Shakmiira
Shaamdee
Shaamida
Shanaka
Shawwadee
Shatura
Sheebbaa
Sheedama 
Sheelada
Shiree
Shunee
Tamaama
Tafaalaxa
Taa’oo
Tuuquu
Ungaata
Ungaanyee
Urjii
Ulullee
Uruu
Usula
----
Waadaa
Waageda
Wa’amanyee
Waajii
Waa saree
Warjii 
Waqaalola
Waaqoo
Waata
Waariyoo
Washarmina
Waayyamanna
Weegee
Weerara
Walbatannaa
Wolaanshoo
Wolaa-sila
Wolee
Wolashee
Wondoo
Worra Gaga
Wooraguu
Wosharmina
Woxee
Woyyoo
Woxisannaa
---
Xapheena
Xeemoo
Xeerara
Xiijoo
Xooqayaa
-----
Yaabetaa
Yaabunyee
Yaaqutaa
Yabsaana
Yaayya
Zaranxallaa
 

Eebba Jila Oromoo (Sikkoof Mandoo )

Dhiltee dhinaa! x2 ……. Hobba’aa! x2
Dhiltee dhinnaa ………. Ijarraa hafaa
Hafaa nu hambisaa

Faatee Waaqni dhagaayi ….. Dhagayi
Lafti sii dhagaayi ………… Dhagayi
Gadaan sii dhagaayi …… Dhagayi
Gadaamojiin sii dhagaayi …. Dhagayi
Dhibbi sii dhagaayi ….. Dhagayi
Dhibbaayuun sii dhagaayi …. Dhagayi 

Gadabitti nu galchi …. Galchi 
Gadaa nu hulluuqsisi …… Hulluysisi
Waraana qaqeessi …….. Qaqeessi

Oromoo mana qaqaatti bulchi … Bulchi
Dubarti hanfaalatti bulchi …… Bulchi
Manguddoo halangeetti bulchi … Bulchi
Odolcha kooraatti bulchi, ….. Bulchi 
Dhaltii okoletti bulchi, ……. Bulchi 
Sangaa harqootati bulchi, ……. Bulchi 
Ganyaa xiribbatti bulchi, …. Bulchi 

Doloolloo yaasi , ………. Yaasi
Yaa’a gabbis , …….. Gabbisi
Jinfuu tuulii , ……….. Tuuli
Tuulaa dinaa diigi/ jigsi ….. Jigsi

Oromoo bifaa si godhi …….. Godhi
Biftuu ganamaa sii godhi …. Godhi 
Ejersaa gaara si godhi, ….. Godhi 
Kormaa nyaaraa si godhi, ….. Godhi 
Bokkaa sii roobi, …….. Roobi 
Bokkuu sii moosiisi, ….. Moosisi
Laftana ititi , …………. Ititi
Itittuu nu obaasi , ……… Obaasi
Tuni haga Toltuuti, x2 ………. Haa qabattu x2


No comments:

Post a Comment